Caamsaa 06/2010- miseensa Kaabinee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Oggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Aziizaa Abdii addunyaa kanarraa du’aan boqotan. Fulbaana 2008 irraa jalqabanii Oggantuu Biiroo Dargaggoofi Ispoortii, Onkoloolessa 2009 irraa jalqabanii Oggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa ta’uun hojjechaa turaniiru. Qaammee 2009 irraa jalqabanii ammoo Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu Dh.D.U.O ta’uun filatamanii tajaajilaa turaniiru. Aadde Aziizaan yaala dhibee Onnee biyya Hindiitti hordofaa kan turan yoo ta’u, eda galgala addunyaa kanarraa du’aan boqataniiru. Aadde Aziizaan oggantuu kutannoofi quuqama ummataa cimaa qaban turan. Gaazexaan Kallacha Oromiyaa Boqochuu Aadde Aziizaatiin gadda cimaa itti dhagaa’ame ibsaa maatiifi firoottan isaaniif jajjabina hawweera.
Mariin ummataa osoo hin gaggeeffaminiifi bu’aan qorannaa hawaasaafi Mootummaa Naannichaatiif osoo hin ifoomin adeemsi haaromsa hayyama albuuda warqee baasuu Laga Danbii dogoggora akka ta’eefi fudhatama akka hin qabne Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa Dr. Nagarii Leencoo beekisisan.
Dr. Nagariin akka jedhanitti, godina Gujii aanaa Shaakkisoo Laga Dambiitti investimentii oomisha albuuda warqee MIDROC walqabatee hawaasa irra miidhaan jabaan ga’aa akka ture osoo beekamuu, dhiibbaan jiru qorannadhaan qulqullaa’ee furmaatni osoo itti hin kennamni adeemsi hayyama haaromsuu raawwatame sirrii waan hin taaneef fudhatama hinqabu.
Dhaloota naamusa gaarii qabuufi gahumsa bor itti gaafatamummaa biyyaa fudhachuu danda’u horachuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa kan jiru ta’uu Komiishiiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa beeksise. Komishinichatti Daarektarri Dhimmoota Kominikeeshiiniifi Barumsa Naamusaa Obbo Mallasaa Abbaayinaa akka jedhanitti naamusa gaarii qabaachuun nama dhuunfaafis ta’e hawaasa hundaaf dhimma murteessadha, kanaafuu dhaloonni boru itti gaafatamummaa biyyaa fudhatu naamusa gonfatee akka guddatu gochuun dhimma xiyyeeffannoo guddaan kennamuufii qabudha.
“Haasaan Ministirri Muummee Mana Mareef taasisan hojiitti ni hiikama jennee abdanna”Dr. Mararaa Guddinaa
Dura taa’aan Paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo Dr. Mararaa Guddinaa haasaan Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiif dhiheenya kana taasisan hojiitti ni hiikama jennee ni abdanna jedhan. Dr. Mararaa Guddinaa ibsa Gaazexaa Kallacha Oromiyaaf tibbana kennaniin, seenaa biyya kanaa keessatti Oromoon mirgasaa erga sarbamee waggaa 150 ol ta’uu eeranii, kana jijjiiruuf Ministira Muummee haaraa filataman dura qormaata seenaa guddaatu jira jedhan.
“Fedhiin ummataa seenaa biyyattii gara boqonnaa hammattummaafi jaalala cimaatti ceesisuudha” MM Dr. Abiyyi Ahimad
[KLO 06/2010] Jilli Ministira Muummee Mootummaa federaalawaa Dimookiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimadiin durfamu guyyaa kaleessaa magaalaa Ambootti argamuun injifannoo bu’aa qabsoo ummata Oromoofi guutuu biyyattiitiin aragame ibsan ummataaf ibsan. Dr. Abiyyi haasaa taasisaniin qabsoon ummatoonni guutuu biyyattii akka waliigalaafi ummanni Oromoo adda durummaan geggeessaa turan hundaa ol fedhii seenaa biyyattii gara boqonnaa haaraa hammattummaafi miira jaalalaa cimaatti ceesisuufi jedhan. Fedhii kana hojiitti jijjiiruudhaan ergamaafi itti gaafatamummaa ummanni Oromoofi biyyattii nutti kenne galmaan gahuuf yeroo waadaa itti galle waan ta’eef ummanni Itoophiyaa guutuuniifi gaachana ummata Oromoo kan ta’e qeerroon Oromoo har’as akkuma kaleessaa tumsa irraa eegamu gochuu qaba jedhan.
Finfinnee, Bitootessa 25,2010(BDHKMNO)Muudama muummee ministiraa Dooktar Abiy ilaalchisuun sirni affeerraa irbaataa kaleessa Masaraa Biyyoolessaatti qophaa’era. Preezdaantin federaalaa Dooktar Mulaatuu Tashooman sirnicharratti haasaa taasisaniin, dabarsi aangoo karaa nagaatin gaggeeffamuun sirna demokraasii biyyattii kan cimsu jedhan. Humnaan osoo hin ta’in, seeraa fi demokraasiin injifannoon walamantaa uumamaa dhufuun siyaasa biyyattii gulantaa olaanatti kan ceesisus jedhan preezdaant Mulaatun. Dabarsi aangoo muummee ministirummaarratti karaa nagaatin gaggeeffame ,heera biyyattii kan kabajee fi kabachiise akka ta’es ibsaniiru.
Lotoriin Tombolaa galii buqqaatotaa cimsuuf tumsu qophaa’e
[KO 06/08/2010] Naannoo Oromiyaatti madda galii lammiilee Oromoo naannoo Sumaalee Itoophiyaarraa buqqa’anii cimsuuf kan oolu lotoriin tombolaa “Lammiituu lammiif” jedhu qophaa’uusaa Koreen Gargaarsaafi Deebisanii Dhaabuu buqqaatotaa beeksise. Walitti qabaan koree kanaa Dr.Abarraa Dheeressaa koree dhimma kanaa waliin Waajjira OBNtti marii taasifamerratti mootummaan naannoo Oromiyaa koree lammiilee buqqaafaman gargaaruufi deebisanii dhaabuu hundeessuun hojiilee hedduun hojjetamaa jiru.
>> >>
Muummeen Ministeera Itoophiyaa haaraa Dr. Abiyyi Ahimad Oromiyaa Lixaa godina Jimmaa aanaa Gommaa magalaan Aggaaroo bakka bashaashaa jedhamutti, ALI bara 1968 dhalatan. Dr. Abiyyi Abbaasaanii Obbo Ahimad Alii (abbaa Fiixaa Abbaa dhaasaa)fi haadhasaanii Aadde Tizzitaa Waldee jedhamanirraati kan dhalatan. Abbaansaanii amantaa Musiliimaa kan hordofan yoo ta’u, haatisaanii amantaa kiristaanaa hordofu. Dr. Abiyyi barnootasaanii sadarkaa 1ffaa Aggaarootti hordofan. Barnootasaanii sadarkaa 2ffaa bakka adda addaatti xumuranii diigrii jalqabaasaanii Finfinneetti, Kollejjii ‘Microlink Information Technology’ irraa ‘Computer Engineering’dhaan bara 2001 argatan. Barnoota digirii lammaffaa bara 2005tti Afrikaa Kibbaa, magaalaa Pritooriyaa keessatti kan argamu dhaabbata ‘Mashies Dynamics Cipher-ED’ irraa gosa barnootaa Kaartooloojii yookaan ogummaa ragaalee yokaan daataa gareelee lama gidduutti wal-jijjiiramu barreessuufi hiikuutiin digiriisaanii lammaffaa’aa argataniiru.
>
>>>
Masfin Tasfaayeetiin
Filannoon dura taa’aa Adda Dimookiraatawaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa karaa dimookiraatawaa, miira qabsoorratti hundaa’een miseensonni mana maree addichaa icciitiin sagalee kennaniin Doktor Abiyyi Ahimad dura taa’aa addichaa taasisuun filachuusaa waajjirri addichaa beeksise. Manni Marichaa Obbo Dammaqaa Mokonniin ammoo itti aanaa dura taa’aa addichaa ta’anii akka itti fufan murteesseera.