Manni Maree ADWUI Dr. Abiy Ahimad Dura Taa’aa Addichaa Gochun filate
======================================================
[KALLACHA 18 07 2010] Manni Maree Adda Demokraatawa Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad dura taa’aa addichaa taasisuun filate.
Walga’iin Mana Marichaa Bitootessa 11,2010 kan jalqabame yammuu ta’u, har’a gaaffii na lakkisaa obbo Haaylamaariyaam Dassaalany fudhachuun, dura taa'aa addichaa Dooktar Abiy Ahimad taasisee filachuun xumurameera.
Manni marichaa gabaasa koree hoji raawwachiistun gamaaggamee dhiyeesse; adeemsa, raawwii haaromsa gadi fagoo dhaabbilee biyyoolessaa fi sanada kallattii dhiyaaterratti mari’ateera.
Masfin Tasfaayeetiin
Sirni Dhagaa bu’uuraa kaa’uu Hidha Guddicha Itoophiyaa waggaa 7ffaa Sagantaalee garaagaraatiin kabajamaa jira
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Sirni Dhagaa bu’uuraa kaa’uu Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa waggaa 7ffaa Sagantaalee garaagaraatiin kabajamaa akka jiru Waajjirri Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Guddichaa Naannoo Oromiyaa beeksise.
Sirni dhakaa bu’uuraa kaa’uu Hidha Haaromsaa guddichi Itoophiyaa Bitootessa 24 bara 2003 raawwate.
Masfin Tasfaayeetiin
Guyyaan hundeeffama Dhaabbata Dimookiraatawa Ummata Oromoo Bitootessa 17 waggaa 28ffaa Galama Waajjira koree Giddu Galeessaa dhaabbatichaa Finfinneetti har’a marii Paanaaliitiin kabajame. Guyyichi dhaadannoo “Toora dhaabaafi tumsa ummata keenyaatiin rakkoon nuti hin hiikne, injifannoon hin galmeessifne hin jiraatu” jedhuun sirna ho’aadhan kabajameera. Sirna kanarratti barreeffamni marii qapxiilee Seenaa gabaabaa qabsoo dhaabbatichaa, Injifannoowwan gurguddoo Waggaa 28 Keessatti hogganummaa DhDUO’n Galmaa’an, qormaatilee mudatan, Tarkaanfilee Fudhatamaniifi Kallattii gara fuulduraarratti xiyyeeffachuun dhihaatee irratti mar’atameera. Hirmaattonnis barreeffama dhihaaterratti yaada qaban ibsuun sadarkaa qabsoo ummanni Oromoo irra gaheen dhaabbatichi yoomiyyuu caalaa ofcimsee ummataafi qeerroo of duukaa hiriirsuun fedhiifi faayiidaa ummatichaa eegissuu akka qabu hubachiisaniiru.
Ayyaana Hundeeffama Dh.D.U.O.Waggaa 28ffaa Ilaalchisee Ibsa Dhaabbatummaa Waajjira Koree Giddu-galeessaa Dh.D.U.O. irraa kenname
“Toora dhaabaa fi tumsa ummata keenyaatiin rakkoon nuti hin hiikne, injifannoon nuti hin galmeessifne hin jiraatu”
Hunda dura, Ummata Oromoo, Dargaggootaa fi Dubartoota naannoo keenyaa, Hayyoota Oromoo, Miseensota dhaabaa fi Deeggartoota kaayyoo keenyaa, Michoota qabsoo keenyaa fi Saboota, Sablammoota fi Ummattoota biyya keenyaa hundaan baga guyyaa hundeeffama Dh.D.U.O., Bitootessa 17,waggaa 28ffaadhaan isin gahe, nu gahe jenna!!
Dhaabbanni Dimokraatawaa Ummata Oromoo Dhaaba qabsoo ummataatiin bocamee ummatarraa ummataaf dhalatee. Dhaaba duudhaaleen aantummaa fi ummatummaa keessoo isaatti hidda gadi fageeffataa dhufee dha. Duudhaalee kanneen guddisuu fi caalmaatti dagaagsuuf waltajjiiwwan qabsoo keessa darbe hundatti aarsaa boonsaa kafaleera.
/Ibsaa Xurunaatiin/
Waldaan Aksiyoona Liqiiifi Qusannaa Oromiyaa bara kana ji’oottan saddeettan darbanitti liqii qar. bil. 5.5 kennuuf karorfatee bil. 2.8 kennuusaa beeksise. Daarkektarri Misooma Gabaafi Sabquunnamtii waldichaa Obbo Jamaal Waarituu rakkoo faayinaansii hawaasa naannichaa furuuf WLQOn gosota liqii adda addaa kennaa jiruun hawaasni bal’aan fayyadamaa jiraachuu eeranii, liqii kennu keessaas kan Fandii dargaggootaa, IMX idileefi callaa guddiftuu isaan ijoodha jedhaniiru.
Wayyeessaa Xibbiquutiin
Galaanaa Kumarraatiin
Naannoo Oromiyaatti komiin ummataa ariitiin akka furamuuf magaalota keessatti sirni komii keessummeessuu cimuu akka qabu Komiishiiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa hubachiise. Komiishinichi kana kan hubachiise raawwii hojiilee koree komii sagantaa ULGDPII magaalota naannichaa 11 keessatti hojiirra oolaa jiranii bara kanaa kan ji’oota ja’an darbanii magaalaa Adaamaatti tibbana wayita gamaggamerratti. Magaalonni kunneenis raawwii hojiisanii bara kanaa kan ji’oota ja’an darbanii dhiyeessuun irratti mari’atameera.
Masfin Tasfaayeetiin
Magaalota Oromiyaa 11 keessatti simannaafi qubachiisuun lammiilee Oromoo sababa Oromummaasaaniitiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sumaalee Itoophiyaarraa buqqa'aniif taasifamu cimee itti fufee jira.
Haaluma kanaan Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Sulultaatti tibbana marsaa 2ffaaf sagantaan lammiilee buqqa’an qubsiisuu raawwatameera. Magaalichatti manneen 1000, abbootii warraa kuma tokkoof hirmaannaa jiraattota magaalichaa, abbootii qabeenyaafi dhaabbilee Amantaatiin ijaaramaa turetti namoonni kuma lamaafi 40 marsaa lamaan simatamaniiru. Dargaggoonni 138s hojii adda addaarratti bobba'uusaanii kantiibaan magaalichaa Aadde Roozaa Umar sirna simannaa kanarratti ibsaniiru.
Namoonni 650 ta'anis marsaa 3ffaarratti qubsiisuuf qophiin xumuramaa jiraachuusaas dubbatanii, qubattootaan baga gara lammii keessaniitti nagaadhaan dhuftan jedhaniiniiru. Deggersi lammiilee kanneeniif taasifamus hanga jireenya idileesaanii jalqabanitti bulchiinsi magaalichaafi ummanni cinaasaanii akka dhaabbatu mirkaneessaniiru.
/Galaanaa Kumarraatiin/
Naannoo Oromiyaatti rakkoowwan Mana Maree Daldalaafi Waldaalee sektaraa naannichaa milkaa’ina dhowwan maqsuuf qindoomina cimaan hojjechuu akka barbaachisu Biiroon Daldalaafi Misooma Gabaa Oromiyaa beeksise. Biirichi kana kan beeksise waltajjii gamaaggama raawwii hojii waliigalaa Biirichaafi Mana Marichaa waliin tibbana Waajjiraasaatti geggeesserratti. Waltajjicharrattis gabaasni raawwii Biiroofi mana marichaa waliigalaa dhiyaachuun yeroo itti aanutti rakkoowwan gufuu ta’an furuun akkaataa kaayyoosaa milkoomsuun danda’amurratti marii bal’aan taasifameera.