Hojjetoonni mootummaa sektaroota federaalaafi dhaabbilee adda addaa keessa hojjetan qar. Mil 25 ol lammiilee buqqa’aniif deggersa kennan
/Masfin Tasfaayeetiin/
Hawaasni Oromoo bal’aafi firoottansaa, dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa lammiilee Oromoo sababa Oromummaasaaniitiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sumaalee Itoophiyaarraa qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif deggersi taasisaa jiran cimee itti fufuu qaba jedhan Pir. Bulchiinsa Mootummaa Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa. Lammiilee mooraawwan qubsumaa yeroofii garaagaraa keessa jiraatan kuma 60 ol magaalota Oromiyaa 12 keessatti torban lama keessatti dhaabbiin qubsiisuuf hojjetamaa akka jirus ibsameera.Lammiileen Oromoo Naannoo Sumaalee Itoophiyaarraa buqqa’anii mooraawwan qubsumaa yeroofii keessatti argaman keessaa kuma 700 ol akka ta’an ragaan ni agarsiisa. Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasa bal’aa Oromoofi firoottansaa, dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa hirmaachisuun hojiilee baraarsuufi dhaabbiin qubsiisuu hojjechaa jira. Lammiileen qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’uun gara naannoosaaniitti dhufan kanneen keessaa harka 98 kan ta’an bakkarraa buqqa’anitti deebi’uu akka hinbarbaanne marii isaan waliin adeemsifameen mirkanaa’eera jedhameera.
Mootummaan naannichaas lammiileesaa kana iddoo barbaadan qubachuun jireenyasaanii akka geggeessuu dand’an murtii dabarseen marsaa duraatiin lammiilee kuma 60 ol magaalota 12 keessa qubsiisuuf manneen ijaaramaa jiru. Bu’uuraaleen misoomaafi dhaabbileen tajaajila hawaasummaatis waluma faana guutamaafii akka jiru kantiibonni magaalota 12n marii magaalaa Finfinneetti tibbana Pirezidaanti Lammaa waliin geggeessaniin ibsaniiru.