Sirna eebbaa kanaratti Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad fi Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Injinara Taakkalaa Uumaa fi qondaaltonni gara biroos argamniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa wantoota Alaa galan biyya keessatti oomishuun baasii sharafa alaa hanbisuuf hojjechaa jira jedhame.
Waxabajjii 14, 2012 - Aanaalee Godina Shawaa Kaabaa/Salaalee keessatti Piroojektoonni misoomaa adda addaa - hojjetamaa turan hara'a bakka jilli Sad. itti Aanaa MNOtti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa argamanitti ebbifamaniiru. Haaluma kanaan Aanaa Qbibiititti Hospitaalli Shanoo bara 2007 qar. Mil. 64n Ijaaramaa ture eebbifameera. Hospitaalli Kun namoota kuma 232 oliif tajasjila Kenna jedhameera.
(BDhKMNO Caamsaa 12/2012)-Sirni dhagaa bu’uraa kaa’uu kun bakka Itti Aanaa Kaantibaa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa, walitti qabaan Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigala Ityoophiyaa Hajii Muftii Umar Idiriisii fi Pireezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummmaa magaalaa Finfinnee Sheek Sulxaan Amaan argamanttti raawwateera. Wayituma kana sirni wal harkaa fuudhinisa Sanada abbaa qabeenyummaa masjiidoota 70 taasifameera.
Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Hangar Guuteetti . Jilli Sadarkaa Pireezedaantii Itti Aanaatti Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu piroojeektiwwaan garagaaraa eebbisan. Jilli kun bakka buufata Xiyyaaraa Magaalaa Naqamtee ijaraamaa jiruufi Aanaa Wayyuu Tuqaatti oomisha qonnaa kilaasteraan misoomaa jirus daawwateera.
Muummee Ministiraa Dr Abiyyi Ahimad. (BDhKMNO Caamsaa 10/2012)-Muummee ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad akka fuula feesbuukii saanirrtti beeksisanitti biqiltuu sadarkaa biyyaatti bara darbe dhaabaman keessaa %84 qabateera jedhan. Biqiltuun dhaabame akka qabatu kunuunsi taasifame cimaa akka tures ibsaniiru. Dhaabbii biqiltuuf yeroo qophaa'aa jirru kanatti, ifaajjeen bara darbee bu'aa buusuusaa hubachuun abdachiisaa isa taasisas jedhaniiru.
ODP’n yaa’ii ariifachiisaa guyyoota lamaaf Adaamaatti taa’een ajandaawwan Riifoormii Paartichaa fi walitti makamuu Paartii Badhaadhinaa irratti gadi fageenyaan erga mari’atee booda sagalee guutuun mirkaneessee jira. Akkuma yaadatamu yaa’ii idilee 9ffaa ODP Fulbaana 2011 magaalaa Jimmaatti taa’ame irratti gaaffii fi fedhii ummata keenyaa karaa waaraan guutuuf, injifannoo ummanni Oromoo wareegama baroota dheeraan booda gonfate harka bulchuuf akkasumas boqqonnaa haaraatti ceesisuun dhimma murteessaa akka ta’e irratti waliigalamee ture. Yaa’ii seena qabeessa Jimmatti taa’ame irratti falaasama haaraa siyaasni keenya ittiin gaggeeffamu qopheessuu fi riifoormii Paaartii gaggeessuun dhimma murteessaa akka ta’e mari’achuun sagalee guutuun murtee dabarsuun isaa ni yaadatama . ADWUI yaa’ii 11ffaa magaalaa Hawaasaatti taa’een , dhimmi riifoormii Paartii qorannoo irratti hunda’ee akka raawwatamu murteessuun isaas ni yaadatama. Yaa’ii kun riifoormichi akka raawwatamu manni maree ADWUI akka raawwatu bakka bu’ummaa kennee ture.