^Back To Top
  • Waldhabdee Oromoo gidduu jiru hiikuuf sirni gadaa filannoo isa jalqabaa ta’uu qaba

    Sirni Gadaa qabeenya Oromoo ta’uu bira darbee qabeenya addunyaat jedhaan walitti qabaan Gumii Abbootii Gadaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan. Waldhabduu Oromoo gidduu jiru hiikuuf Sirni Gadaa Filannoo jalqabaa ta’uu qaba jedhan. Oromoon qabeenya ittiin beekamu kanaan fayyadamuu qaba jedhan. Oromoon qaama tokko,qaamni tokko immoo walhindhabu,yoo rakkate waliin rakkata,yoo argates waliin argata jedhan. Akka OBN gabaaseetti,Oromoon waliisaa gidduutti walitti bu’iinsi uumamee mitii Orma waliinuu yoo rakkoon uumame akkataa itti furu waan beekuuf, yoo miiyyuu sirna Gadaa hordofuu qaba jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa kun. Walitti bu’iinsi Obboleeyyan lamaan Ittuu fi Karrayyuu gidduutti uumamee guyyaa kaleessaa akkaataa Sirna Gadaatiin bakka Abbootiin Gadaa Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa,qaamooleen nageenya fi aanga’oonni mootummaa argamanitti aanaa Fantaalletti araara argateera. Araarrichi tokko miidhaa tokko miidhamaa ta’ee kan gumaa baasuu fi kan gumaa fudhatu osoo hin taane gama lameeniinuu anis obboleessa koo miidheera jechuun ofitti muranii badii uumameef loowwan gumaa waliif baasanii jiru. Bulchaan godina Shawaa Bahaa Obbo Halaakaa Sinbiroo maanguddoota qabaachuun biyya tokko keessatti nageenya qabaachuudha jedha. Hojii boonsaa hojjetan kanaafiis galateeffatanii, fakkeenyi aanaa Fantaallee kun Oromiyaa guutuu keessatti hojiirra ooluu qaba jedhan. Itti gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Oromiyaa Obbo Jibriil Mahaamad guyyaan kun guyyaa aadaa giddu galeessa godhannee rakkoo keenya itti hiikkanne waan ta’eef guyyaa addaati jedhan. Tumsi uummanni Oromoo iddoo adda addaa jiraatan rakkoo Ittuu fi Karrayyuu hiikuuf taasisanis hojii seena qabeessadha jedhan.

  • Paartichi gaaffii ummata Oromoo bu’uurarraa ni deebisa jedhame

    Paartiin Badhaadhinaa Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaafi Mootummaa akka ta’u sagalee guutudhaan murteesse jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad. Paartiin Badhaadhinaa gaaffii Ummanni Oromoo qabu bu’uura irraa kan deebisu akka ta’e Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad dubbatan. walitti makamuu Paartilee ADWUI tiin, waa’ee Paartii haaraa hunda’e ilaalchisee, Dr.Abiyyi Ahimad fuula feesbuukii isaanii irratti odeeffannoo kennaniiru. Haaluma kanaan gaaffiin Oromoo ammas kan deebi’e akkuma jiru, fuuldurattis paartiin Badhaadhinaa gaaffii Oromoo deebisuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjeta jedhan Dr.Abiyyi. Keessumaayyuu gaaffii diinagdee ummanni Oromoo qabu deebisuuf, Oromoo fi miseensonni, milkaa’ina Paartii Badhaadhinaaf, tumsa gochuu akka qaban Dr.Abiyyi waamicha dhiheessan. Guyyoota sadiif paartiin isaanii mariirra kan ture yoo ta’u, murtoowwan gurguddoos dabarsee jira jedhan. Bu’uuruma kanaan Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaa fi Mootummaa akka ta’u sagalee guutudhaan murteessee jira. Kanamalees paartii keessattis ta’ee, kan mootummaa keessatti hunduu akkaataa baayyina ummata isaatiin akka hirmaachuu qabus murteessera jedhan. Kun immoo dimokiraasii dhugaa hojiirra oolchuuf gahee guddaa qaba jedhan. Kanaaf gaaffii bara dheeraa ummanni Oromoo qabu tartiibaan deebisuuf hojjetaa kan jirru waan ta’eef, ummanni Oromoo Tokkummaa fi Nageenya isaa eeggachuun nu cinaa dhaabbatee injifannoo amma argame akka ceesisnuuf waamichan dhiheessa jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad. Paartiin Badhaadhinaa gama diinagdee qofaan osoo hin taane, kabajaan, bilisummaan akkasumas badhaadhummaa dam-daneessa Itiyoophiyaa keessatti dhugoomsuu akka danda’uuf, humnoonni faffaca’anii jiran walitti sassaabamuudhaan gurmuun dhaabbannee biyya Itiyoophiyaa geggeessuuf murteessuun keenya murtoo guddaa dha." Jedhani..

  • Ayidee Cambalaalaa

    Ergaa Baga Geessanii Pirezidaantii Bulchiinsa MN Kabajamoo Ob. Shimallis Abdiisaa Ayyaana Fichee Cambalaalaa Ilaalchisuun dabarsan Duraan dursee, ummata guddaa aadaafi duudhaa isaa eeggatee jaarrawwaniif turfachuun har’aan ga’ate, ummata Sidaamaatiin baga guyyaa kabaja ayyaana Fichee Cambalaalaa nagaan geessan, baga waliin geenye jechuun barbaada. Ummanni Sidaamaa sirna lakkoofsa baatiifi jijjiirama baraa ofiisaa danda’e qaba. Sirni kun uumama ummatummaa isaa waliin kan dhalateefi mallattoo ibsituu eenyummaa ummatichaa ta’ee kabajamaa har’arra kan ga’ee dha. Sirni guddaan dhaloota kaleessaatiin kalaqamee kunuunfamaa har’a ga’e kun, mallattoo miidhaginaa ummata Sidaamaa qofa osoo hin taane kaadhimamaa Ambaa Kiliyaa idil-addunyaa ta’uufis ga’eera

KALLACHA OROMIYAA


 - kallachaoromiyaa.org - kallachaoromiyaa.org 

LATEST ARTICLE

Ummanni Oromoo diddaa farra gabrummaa geggeessaa tureen injifannoo siyaassaa of harka galchee jira. Ijnifannoon siyaasaa humna murteessadha. Garuummoo kophaasaa guutuu miti. Dinagdee cimaa yoo hin qabaanne Injifannoo kana of harka tursiisuun ni rakkisa. 
Jaarraa amma keessa jirru kanatti dinagdeen meeshaa waraanaa ammayyaa kamuu akka caalu hubachuu qabana.

Haala qabatamaa amma keessa jirruunis yoo madaallu humnoonni muraasni dinagdee dursanii of harka galfatan qaawwa hiyyummaa qabnutti fayyadamanii nageenya keenya booressaa akka jiran ifa galaadha. Dinagdeen isaan qaban saamichaan harkasaanii kan gale ta’ullee humni dinagdee harkatti galfatan hangama humnasaaniif ta’e hubachuun nama hin rakkisu.
Yeroo ammaa olaantummaa siyaas dinagdee saamichaa kana hundeerraa fonqolchuun siyaas-dinagdee hundi irraa fayyadamaa ta’u diriirsuuf hojjetamaa jira. Maddi dinagdee keenya guddaan lafa of harkaa qabnuudha. Lafa qabnurratti tekinooloojii fayyadamuun Oomishaafi oomishtummaa keenya guddisuuf ciniinnannee hojjechuu qabana.
Humna, beekumsaafi qabeenya keenya walitti fiduun ijaaramnee hojii barbaannerratti bobba’uun Injifannoo keenya dinagdeenis dhugoomsuu qabna. Bakka jirrutti waan irratti bobbaanee hojjechaa jirru cimsine hojjechuun murteessadha.
Injifannoo gama siyaasaatiin argame qofaan mirqaannee as keessa kan turru yoo ta’e kufaatii hin damdammanne keessa galla. Geggeessaan sadarkaa sadarkaan jirus ummaata hogganuun gaheesaa gahumsaan bahachuu qaba. Yoo kana goone dinagdeedhaanis moo’ataa taanee argamna. Dinagdeedhaanis inifachuun inifannicha guutuu taasusa waan ta’eef itti xiyyeeffachuun barbaachisaa qofa osoo hin taane dirqamas. Horaa bulaa!