Sirni Gadaa qabeenya Oromoo ta’uu bira darbee qabeenya addunyaat jedhaan walitti qabaan Gumii Abbootii Gadaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan. Waldhabduu Oromoo gidduu jiru hiikuuf Sirni Gadaa Filannoo jalqabaa ta’uu qaba jedhan. Oromoon qabeenya ittiin beekamu kanaan fayyadamuu qaba jedhan. Oromoon qaama tokko,qaamni tokko immoo walhindhabu,yoo rakkate waliin rakkata,yoo argates waliin argata jedhan. Akka OBN gabaaseetti,Oromoon waliisaa gidduutti walitti bu’iinsi uumamee mitii Orma waliinuu yoo rakkoon uumame akkataa itti furu waan beekuuf, yoo miiyyuu sirna Gadaa hordofuu qaba jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa kun. Walitti bu’iinsi Obboleeyyan lamaan Ittuu fi Karrayyuu gidduutti uumamee guyyaa kaleessaa akkaataa Sirna Gadaatiin bakka Abbootiin Gadaa Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa,qaamooleen nageenya fi aanga’oonni mootummaa argamanitti aanaa Fantaalletti araara argateera. Araarrichi tokko miidhaa tokko miidhamaa ta’ee kan gumaa baasuu fi kan gumaa fudhatu osoo hin taane gama lameeniinuu anis obboleessa koo miidheera jechuun ofitti muranii badii uumameef loowwan gumaa waliif baasanii jiru. Bulchaan godina Shawaa Bahaa Obbo Halaakaa Sinbiroo maanguddoota qabaachuun biyya tokko keessatti nageenya qabaachuudha jedha. Hojii boonsaa hojjetan kanaafiis galateeffatanii, fakkeenyi aanaa Fantaallee kun Oromiyaa guutuu keessatti hojiirra ooluu qaba jedhan. Itti gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Oromiyaa Obbo Jibriil Mahaamad guyyaan kun guyyaa aadaa giddu galeessa godhannee rakkoo keenya itti hiikkanne waan ta’eef guyyaa addaati jedhan. Tumsi uummanni Oromoo iddoo adda addaa jiraatan rakkoo Ittuu fi Karrayyuu hiikuuf taasisanis hojii seena qabeessadha jedhan.
Paartiin Badhaadhinaa Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaafi Mootummaa akka ta’u sagalee guutudhaan murteesse jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad. Paartiin Badhaadhinaa gaaffii Ummanni Oromoo qabu bu’uura irraa kan deebisu akka ta’e Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad dubbatan. walitti makamuu Paartilee ADWUI tiin, waa’ee Paartii haaraa hunda’e ilaalchisee, Dr.Abiyyi Ahimad fuula feesbuukii isaanii irratti odeeffannoo kennaniiru. Haaluma kanaan gaaffiin Oromoo ammas kan deebi’e akkuma jiru, fuuldurattis paartiin Badhaadhinaa gaaffii Oromoo deebisuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjeta jedhan Dr.Abiyyi. Keessumaayyuu gaaffii diinagdee ummanni Oromoo qabu deebisuuf, Oromoo fi miseensonni, milkaa’ina Paartii Badhaadhinaaf, tumsa gochuu akka qaban Dr.Abiyyi waamicha dhiheessan. Guyyoota sadiif paartiin isaanii mariirra kan ture yoo ta’u, murtoowwan gurguddoos dabarsee jira jedhan. Bu’uuruma kanaan Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaa fi Mootummaa akka ta’u sagalee guutudhaan murteessee jira. Kanamalees paartii keessattis ta’ee, kan mootummaa keessatti hunduu akkaataa baayyina ummata isaatiin akka hirmaachuu qabus murteessera jedhan. Kun immoo dimokiraasii dhugaa hojiirra oolchuuf gahee guddaa qaba jedhan. Kanaaf gaaffii bara dheeraa ummanni Oromoo qabu tartiibaan deebisuuf hojjetaa kan jirru waan ta’eef, ummanni Oromoo Tokkummaa fi Nageenya isaa eeggachuun nu cinaa dhaabbatee injifannoo amma argame akka ceesisnuuf waamichan dhiheessa jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad. Paartiin Badhaadhinaa gama diinagdee qofaan osoo hin taane, kabajaan, bilisummaan akkasumas badhaadhummaa dam-daneessa Itiyoophiyaa keessatti dhugoomsuu akka danda’uuf, humnoonni faffaca’anii jiran walitti sassaabamuudhaan gurmuun dhaabbannee biyya Itiyoophiyaa geggeessuuf murteessuun keenya murtoo guddaa dha." Jedhani..
Ergaa Baga Geessanii Pirezidaantii Bulchiinsa MN Kabajamoo Ob. Shimallis Abdiisaa Ayyaana Fichee Cambalaalaa Ilaalchisuun dabarsan Duraan dursee, ummata guddaa aadaafi duudhaa isaa eeggatee jaarrawwaniif turfachuun har’aan ga’ate, ummata Sidaamaatiin baga guyyaa kabaja ayyaana Fichee Cambalaalaa nagaan geessan, baga waliin geenye jechuun barbaada. Ummanni Sidaamaa sirna lakkoofsa baatiifi jijjiirama baraa ofiisaa danda’e qaba. Sirni kun uumama ummatummaa isaa waliin kan dhalateefi mallattoo ibsituu eenyummaa ummatichaa ta’ee kabajamaa har’arra kan ga’ee dha. Sirni guddaan dhaloota kaleessaatiin kalaqamee kunuunfamaa har’a ga’e kun, mallattoo miidhaginaa ummata Sidaamaa qofa osoo hin taane kaadhimamaa Ambaa Kiliyaa idil-addunyaa ta’uufis ga’eera

Oromiyaa… Oromiyaa
Leemmuu garaa taliilaa
Tasgabbiin kee haacimu
Akka utubaa sibiilaa
Hooqubaa siif galchina
Ijoolleen kee walgeenyee
Kaabaa Kibbaa dammaqnee
Bahaa Lixaa gurmoofnee
Maqaan kee ol haa jedhu
Seenaan kee haa guddatu
Aadaan kee haa lalisu
Qeen kee haa ulfaatu
Gorroon kee haa’urgaa’u
Gammachuun kee haa guutu
Dimookiraasiin warraaqna
Walqixxummaan jiraanna
Bilisummaafi mirga kee
Lubbuu keenyaan eegganna
Haroo Biyyansaa, Finfinneerraa, Gaazexaa Kallacha Oromiyaa Ebla 30 bara 1989 maxxanfamerraa kan fudhatame