^Back To Top
  • Waldhabdee Oromoo gidduu jiru hiikuuf sirni gadaa filannoo isa jalqabaa ta’uu qaba

    Sirni Gadaa qabeenya Oromoo ta’uu bira darbee qabeenya addunyaat jedhaan walitti qabaan Gumii Abbootii Gadaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan. Waldhabduu Oromoo gidduu jiru hiikuuf Sirni Gadaa Filannoo jalqabaa ta’uu qaba jedhan. Oromoon qabeenya ittiin beekamu kanaan fayyadamuu qaba jedhan. Oromoon qaama tokko,qaamni tokko immoo walhindhabu,yoo rakkate waliin rakkata,yoo argates waliin argata jedhan. Akka OBN gabaaseetti,Oromoon waliisaa gidduutti walitti bu’iinsi uumamee mitii Orma waliinuu yoo rakkoon uumame akkataa itti furu waan beekuuf, yoo miiyyuu sirna Gadaa hordofuu qaba jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa kun. Walitti bu’iinsi Obboleeyyan lamaan Ittuu fi Karrayyuu gidduutti uumamee guyyaa kaleessaa akkaataa Sirna Gadaatiin bakka Abbootiin Gadaa Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa,qaamooleen nageenya fi aanga’oonni mootummaa argamanitti aanaa Fantaalletti araara argateera. Araarrichi tokko miidhaa tokko miidhamaa ta’ee kan gumaa baasuu fi kan gumaa fudhatu osoo hin taane gama lameeniinuu anis obboleessa koo miidheera jechuun ofitti muranii badii uumameef loowwan gumaa waliif baasanii jiru. Bulchaan godina Shawaa Bahaa Obbo Halaakaa Sinbiroo maanguddoota qabaachuun biyya tokko keessatti nageenya qabaachuudha jedha. Hojii boonsaa hojjetan kanaafiis galateeffatanii, fakkeenyi aanaa Fantaallee kun Oromiyaa guutuu keessatti hojiirra ooluu qaba jedhan. Itti gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Oromiyaa Obbo Jibriil Mahaamad guyyaan kun guyyaa aadaa giddu galeessa godhannee rakkoo keenya itti hiikkanne waan ta’eef guyyaa addaati jedhan. Tumsi uummanni Oromoo iddoo adda addaa jiraatan rakkoo Ittuu fi Karrayyuu hiikuuf taasisanis hojii seena qabeessadha jedhan.

  • Paartichi gaaffii ummata Oromoo bu’uurarraa ni deebisa jedhame

    Paartiin Badhaadhinaa Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaafi Mootummaa akka ta’u sagalee guutudhaan murteesse jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad. Paartiin Badhaadhinaa gaaffii Ummanni Oromoo qabu bu’uura irraa kan deebisu akka ta’e Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad dubbatan. walitti makamuu Paartilee ADWUI tiin, waa’ee Paartii haaraa hunda’e ilaalchisee, Dr.Abiyyi Ahimad fuula feesbuukii isaanii irratti odeeffannoo kennaniiru. Haaluma kanaan gaaffiin Oromoo ammas kan deebi’e akkuma jiru, fuuldurattis paartiin Badhaadhinaa gaaffii Oromoo deebisuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjeta jedhan Dr.Abiyyi. Keessumaayyuu gaaffii diinagdee ummanni Oromoo qabu deebisuuf, Oromoo fi miseensonni, milkaa’ina Paartii Badhaadhinaaf, tumsa gochuu akka qaban Dr.Abiyyi waamicha dhiheessan. Guyyoota sadiif paartiin isaanii mariirra kan ture yoo ta’u, murtoowwan gurguddoos dabarsee jira jedhan. Bu’uuruma kanaan Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaa fi Mootummaa akka ta’u sagalee guutudhaan murteessee jira. Kanamalees paartii keessattis ta’ee, kan mootummaa keessatti hunduu akkaataa baayyina ummata isaatiin akka hirmaachuu qabus murteessera jedhan. Kun immoo dimokiraasii dhugaa hojiirra oolchuuf gahee guddaa qaba jedhan. Kanaaf gaaffii bara dheeraa ummanni Oromoo qabu tartiibaan deebisuuf hojjetaa kan jirru waan ta’eef, ummanni Oromoo Tokkummaa fi Nageenya isaa eeggachuun nu cinaa dhaabbatee injifannoo amma argame akka ceesisnuuf waamichan dhiheessa jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad. Paartiin Badhaadhinaa gama diinagdee qofaan osoo hin taane, kabajaan, bilisummaan akkasumas badhaadhummaa dam-daneessa Itiyoophiyaa keessatti dhugoomsuu akka danda’uuf, humnoonni faffaca’anii jiran walitti sassaabamuudhaan gurmuun dhaabbannee biyya Itiyoophiyaa geggeessuuf murteessuun keenya murtoo guddaa dha." Jedhani..

  • Ayidee Cambalaalaa

    Ergaa Baga Geessanii Pirezidaantii Bulchiinsa MN Kabajamoo Ob. Shimallis Abdiisaa Ayyaana Fichee Cambalaalaa Ilaalchisuun dabarsan Duraan dursee, ummata guddaa aadaafi duudhaa isaa eeggatee jaarrawwaniif turfachuun har’aan ga’ate, ummata Sidaamaatiin baga guyyaa kabaja ayyaana Fichee Cambalaalaa nagaan geessan, baga waliin geenye jechuun barbaada. Ummanni Sidaamaa sirna lakkoofsa baatiifi jijjiirama baraa ofiisaa danda’e qaba. Sirni kun uumama ummatummaa isaa waliin kan dhalateefi mallattoo ibsituu eenyummaa ummatichaa ta’ee kabajamaa har’arra kan ga’ee dha. Sirni guddaan dhaloota kaleessaatiin kalaqamee kunuunfamaa har’a ga’e kun, mallattoo miidhaginaa ummata Sidaamaa qofa osoo hin taane kaadhimamaa Ambaa Kiliyaa idil-addunyaa ta’uufis ga’eera

KALLACHA OROMIYAA


 - kallachaoromiyaa.org - kallachaoromiyaa.org 

LATEST ARTICLE

“Toora dhaabaa fi tumsa ummata keenyaatiin rakkoon nuti hin hiikne, injifannoon nuti hin galmeessifne hin jiraatu”

Hunda dura, Ummata Oromoo, Dargaggootaa fi Dubartoota naannoo keenyaa, Hayyoota Oromoo, Miseensota dhaabaa fi Deeggartoota kaayyoo keenyaa, Michoota qabsoo keenyaa fi Saboota, Sablammoota fi Ummattoota biyya keenyaa hundaan baga guyyaa hundeeffama Dh.D.U.O., Bitootessa 17,waggaa 28ffaadhaan isin gahe, nu gahe jenna!!

Dhaabbanni Dimokraatawaa Ummata Oromoo Dhaaba qabsoo ummataatiin bocamee ummatarraa ummataaf dhalatee. Dhaaba duudhaaleen aantummaa fi ummatummaa keessoo isaatti hidda gadi fageeffataa dhufee dha. Duudhaalee kanneen guddisuu fi caalmaatti dagaagsuuf waltajjiiwwan qabsoo keessa darbe hundatti aarsaa boonsaa kafaleera. Ummata qindeessee qabsoofsisuufis ta’ee hirmaannaa fi fayyadamummaa isaa mirkaneessuudhaaf boqonnaa itti haara galfate hin qabu. Har’a wayita ayyaana hundeeffama dhaaba keenyaa waggaa 28ffaa kabajanu, gama tokkoon boqonnaa qabsoo darberraa barnoota argannetti fayyadamnee egeree keenya milkeessuuf kan itti karoorfannu, gama biraatiin ammoo galmoota karoora keenyaa milkeessuudhaaf yeroo kamiiyyuu caalaa ummata keenya hirmaachifnee kan hojjennu ta’a jedhameet abdatama.

 

Dhaabbanni Dimokraatawaa Uuumata Oromoo dhaaba uumama isaatiin aadaa ummata dhaggeeffachuu fi wali wajjiin hojjechuu dagaagfate, waltajjii qabsoo keessa jirru sirriitti adda baafatee qabsoo cimaa keessoo isaatti geggeessuun dhaabatee of ilaalaa fi of sirreessaa dhaaba dhufe. Galmeen seenaa qabsoo dhaabbatichaa waggoottan hundeeffama isaarraa hanga har’aatti barraa’es imala daandii diriiraa gubbaa gubbaarra taasifameen kan ibsamu osoo hin taane bu’aa bahiiwwan hedduu kan keessummeessee dha. Imala qabsoo hidhannoorraa hanga qabsoo farra hiyyummaatti haalli ture hundi hanguma danqaa qabsoo keenyaa fi harkifannaa injifannoo keenyaatiif sababa ta’e, battala tooftaa addaatiin hogganuun danda’ame hundatti gara carraa gaarii fi injifannootti geeddaramee madda milkaa’inaas ta’uu danda’eera.

Waltajjiin har’a irratti argamnu kunis amala isaatiin haalota adda isa taasisu of keessaa qaba. Imalli qabsoo keenya wal falmii humnoota lama gidduutti taasifamuun kan ibsamu dha. Gama tokkoon humni kiraa sassaabaa haala mijataa jireenya isaatiif mijaawan qabatee itti fufiinsa ol’aantummaa ilaalcha isaa mirkaneeffachuudhaaf humna qabu hunda odoo hin qusatin socho’aa akka jiru ni hubanna. Gama biraatiin ammoo, hundeen ilaalcha misoomawaa fi demokraatawaa bu’aa tooraa fi kallattii hoggansa dhaaba keenyaa ta’an ol’aantummaa ilaalchaa fi gochaa kiraa sassaabdummaa diiguudhaan haaromsa naannoo fi biyya keenyaa mirkaneessuudhaaf boqonnaa malee halkanii fi guyyaa itti qabsaawamaa jira.

Kaleessa wareegama boqonnaa qabsoon gaafatu hunda kaffaluudhaan ijaarsa naannoo fi biyya keenyaa keessatti ga’ee adda durummaa gumaachaa kan ture dhaabni keenya Dh.D.U.O.n, har’as mirga ummata Oromoo,sabota fi sablammoota naannoo keenya keessa jiraatanii fi kan ummattoota biyyattii karaa guutuu ta’een akka kabajamuuf ejjennoo fi kutannoo cimaadhaan qabsa’aa jira. Duudhaaleen wal danda’uu fi wal wajjiin jiraachuu ummattoota caalmaatti dagaagee, duudhaa bu’uura nageenyaa fi ijaarsa sirna demokraasii keenyaa ta’ee akka tajaajiluuf ammas boqonnaa maee qabsa’aa jira.

Kallacha qabsoo ummata Oromoo ta’ee gaaffii siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa ummatichaa deebisuudhaaf karaa tarsiima’aa ta’een hogganaa kan turee fi har’as hogganaa kan jiru dhaabni keenya taateewwan yerootiin xaxamee kan kufuu fi duudhaa dhaabbatummaa isaa dabarsee kan kennu miti. Kaleessarraa baratee har’a kan hogganuu fi tarsiimoowwan egeree keenya milkeessan bocee hojiirra oolchuudhaan fagootti ilaalee kan imaluu dha. Kun ammoo toora dhaaba keenyaa qabannee rakkoon nuti hin hiikneefi injifannoowwan nuti hin galmeessisne akka hin jirre kan ifatti mul’isee dha.

Dhaabbanni Dimokraatawaa Ummata Oromoo gaaffiiwwan ummata Oromoo barootaaf lafarra foqoqaa turan deebii akka argatan kutannoon kan qabsaa’e, ejjennoo cimaa fi wareegama qabsichi gaafatu kamuu kaffaluuf qophaa’ummaa qaburraa kan ka’e imala haaromsaatiin dhaabbatee, yeroo gahaa fudhatee, gubbaa hanga gadiitti keessoo isaa sakatta’ee of haaromsuudhaaf qabsoo obsa fixachiisaa taasiseen sadarkaa tooricha itti fufsisuu isa dandeessisuu fi gaachana qabsoo ummata Oromoo ta’ee itti fufuu danda’urra yeroo geenyetti waan ta’eef guyyaa dhalootaa dhaabbatichaa bara kanaa kan addaa fi seenaa qabeessa isa taasisa.

Aadaan demokiraasummaa fi ummatummaa dhaaba keenyaa har’as komiiwwan karaa kamiinuu ummata biraa ka’an dhaggeeffachuu, onneerraa dhiifama gaafachuufi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun ummata waliin mul’ata naannoofi biyyaa keenyaa dhugoomsuuf kan hojjetu ta’a. akkuma kaleessa hunda tokkummaa dimokraatawaa ummattoota biyya keenyaa fi itoophiyaa ijaarudhaaf humna guutudhaan ni hojjeta.

Adeemsa qabsoo ummata keenyaa keessatti akka naannoottis ta’e akka biyyaatti rakkoowwan siyaas-dinagdee sirna Federaalaa keenya balaarra buusuu danda’an karaa saayinsaawaa ta’een adda baasuun furmaata hatattamaa kennuun fedhii ummataa guutuun dhimma murteessaafi hatattamaan raawwatamuu qabu ta’uun hubatamee murtoo akka dhaabaatti irra gahameen bu’aawwan qabatamoon galmaa’uu jalqabeera. Fayyadamummaa diinagdee haqa qabeessa mirkaneessuu fi hirmaannaa siyaasaa karaa bilisaa fi haqa qabeessa ta’een raawwachuun fedhii ummata Bal’aa Oromoo guutuun har’as akkuma kaleessaa hojii Dh.D.U.O.n dursa kenneefii hojjetu ta’eet itti fufa.

Dhaabni keenya Dh.D.U.O.n dhaaba seenaa kaleessa hojjeteen boonuu fi isa dhaadessuudhaan yeroo isaa gubu osoo hin taane, har’as seenaa haaraa hojjechuudhaaf boqonnaa malee hojjetuu fi waltajjii qabsoon gaafatuun karaa walmadaaluun of qopheessaa jira. Kaleessa ijaarsa biyyaa fi naannoo keenyatiif gumaacha isarraa eeggamu kamuu bahachaa tureera, ammas bahachaa jira. Har’as duudhaalee ittiin qoramee fi bu’aa boonsaa irraa argate ijaarsaa fi haaromsa biyyaatiif tumsan caalmaatti gabbisuu irratti argama. Tooftaawwan qabsoo toora dhaabbatichaa irraa maddan gara garaa fayyadamuudhaan galmoota yeroo gabaabaa fi dheeraa milkeessuudhaaf hojjechuurratti argama.

Fayyadamummaan dinagdee ummata keenyaa guddatee, hirmaannaa fi fayyadamummaan haq-qabeessi akka mirkanaa’uuf, al-seerummaan guutummaa guutuutti dhabamee lammiileen karaa sirriifi seeraa qofaan qabeenya haalli itti horatan akka mijaa’uuf hoggansa cimaa dhaaba keenyaa fi hojii qindoominaa mootummaa keenyaatiin milkeessuudhaaf kan yeroo kamiirra caalaa ni hojjetama.

Toora dhaaba keenyaa qabannee qabsoo taasisnuun gaaffiin ummata keenyaa deebii hin qabne hin jiraatu, rakkoon kamiyyuu mudatu duudhaa ganamaa dhaabni keenya qabuu fi aantummaa ummatummaa inni gabbifate irraa akka isa hin maqsine cimsee amana. Waan dubbate raawwachuudhaafis waadaa isaa haaromsuurratti argama. Rakkoowwan mudatan hundi deebii ga’aa akka aragataniif ammoo wal-dhaggeeffachuufi yeroo ga’aa waliif kennuun dawaa cimaa ta’uu isaa ni hubata. Yeroo sana tooftaa qabsoo fi tarsiimoo ittiin hoggannee keessaa baanu qopheeffachuudhaaf yeroo gahaa arganna amantaa jedhu qaba.

Dhaqqabamummaan misoomaa, hanqinni dhiyeessii, rakkoon hoji- dhabdummaa fi hanqinnni qulqullina hojii fi hoji-maataa, hanqinni dandeettiifi kutannoon hoggansaa rakkoowwan itti bu’uun jaqabameedha malee rakkoo bu’urarraa hiikkate miti. Kun garuu qabsoo dhaaba keenyatiin guutumaan guututti furuudhaaf rakkoo humna keenyaa ol ta’uu miti. Dhimma hojjennu hundaa Abbaa dhimmaa ajandichaa kan ta’e ummata bal’aa biraan geenyee yoo hirmaachifne akka naannootti miti biyyaafuu hojii fakkeenyummaa qabu ta’uun isaa wal nama hin gaafachiisu. Kanaafuu, Dh.D.U.O.n borus sadarkaa qabsoon keenya irra ga’e irraa ka’uudhaan qophaa’ummaa tooricha gara fuula duraa ittiin fufsisuudhaaf isa dandeessisu, ciminoota hedduu fi hamilee kana ittiin dhugoomsus dhaaba qabu ta’ee qabatamaan haaromeera.

Milkaa’ina galmoota haaromsa keenyaatiif hirmaannaan qaamolee adda addaa murteessaa ta’uu kan amanu dhaabni keenya ayyaana hundeeffama dhaabbatummaa isaa waggaa 28ffaa sababeeffachuudhaan waamicha isaa kan kabajaa ni dabarsa.