Naannoo Oromiyaatti bara 2010 guddinni dinagdee harka 9n guddate bara 2011tti ammoo harka 11.4 guddisuuf karoorfamamuusaa Komishiniin karooraafi misooma dinagdee Oromiyaa beeksise. Komishinarri Komishinichaa Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsa miidiyaaf Biiroosaanitti kennaniin naannichatti bara bajetaa xumurame kanatti guddinni waliigalaa %11n gahuuf karoorfamee harka 9.1n guddateera. Guddina kana keessaa qonni %5, Industiriin %19n, Tajaajilli %12n akka ta’e Dr. Tashoomaan ibsaniiru.
Oomisha qonnaa ganna darbe lafa hektaara mil. 5.28 midhaan gosa adda addaatiin misoomerraa calla kuntaalli mil. 151 argameera jedhan. Haata’u malee itti fayyadama tekinooloojiifi callaa guddistuurratti hanqinni waan muudateef haala karoorfameen oomishini barbaadamu akka hin argamne dubbataniiru.Oomishtummaarraa jiddu-galeessaan hektaara tokkorraa calla kuntaala 30 argachuuf karoorfamee kuntaala 26 qofatu argame jedhan. Guddinni barana galmaa’e kun sektara hunda keessatti kan dhufe yoo ta’u galiin bara kana qar. Bil. 13.2 sassaabameera; daandiin cirrachaa, Asfaaltii kilo meetira kuma 51tti ol guddateera; Bishaan dhugaatii qulqulluu %59 irraa gara %63tti guddateera jedhan Dr. Tashoomaan. Haata’u malee raawwiin Piroojektoota gurguddoo ammas rakkoo waan qabuuf baajata bara haaraa kanarratti xiyyeeffannoon itti kennamee hojiilee hojjetaman keessaa isaan ijoodha jedhaniiru.
Gana birootiin manneen barnootaa sad. 1ffaafi 2ffaa qphaa’ina dabalatee 574 bara kana ijaaramaniiru. Kanaafuu baa’inni manneen barnootaa sad.1ffaa fo 2ffaa 15 fi 983tti ol guddateera. Hirmaannaan barattootaas bara kana mil.9.9 gaheera. Hospitaalonni 13s hojii kan eegalan yoo ta’u, lakkoofsi hospitaalotaa 66 irraa gara 79tti ol guddateera jedan. Gama carraa hojii uumuutiin hojiin hojjetames jajjabeessaa ta’uu Dr. Tashoomaan himanii hoji barbaaddota mil. tokko hojiitti galchuuf karoorfamee %98 raawwatamuusaas himaniiru. Waldaalee Intarpiraayizoota Maayikiroofi Xixiqqaa 614f ce’umsi tekinooloojii raawwatamuusaas dubbatan.
Gama itti gayyadama bajataatiin bara darbe qar. Bil. 55.5 ramadame keessaa harki 95 hojiirra ooluusaa kan himan Dr. Tashoomaan, bara kana qar. Bil. 63.4 ol ramadamuusaa eeraniiru. Baajeta ramadame keessaa harki caalu kaappitaalaaf akka ta’e ibsanii deggarsa aanaaleetiif qar. Bil. 36 ol ramadamuusaa dubbataniiru. Bara bajetaa haara kanatti dinagdee naannichaa harak 11.4n guddisuuf kan karoorfame yoo ta’u, qonna %9.1n, Industirii, %21 fi tajaajila % 11n guddisuuf xiyyeeffannoon akka kenname Dr. Tashoomaan ibsaniiru. Kana milkeessuufis itti fayyadama tekinooloojii fi calla guddistuu haala gahumsa qabuun dhiheessuuf kallattiin akka taa’e eeraniiru.