Naannoo Oromiyaatti bara bajataa xumurametti ummanni miliyoonni 2fi kumni 200 ol tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu argachuusaa Biiroon Bishaan Albuudaafi Inarjii Oromiyaa beeksise.
Hogganaan Biirichaa Dr. Alamuu Simee ibsa kennaniin hojiin dhiyeessii bishaan dhugatii qulqulluu kanaan dura Biirichaan hojjetamaa ture haala ummanni barbaaduun ijaarsisaa saffisaan xumuramee tajaajilaaf ooluu dhabuusaatiin komii kaasisaa tureera.
Rakkoo kana furuuf bara bajataa 2009/2010tti xiyyeeffannoon piroojektoota gurguddoorraa kaasee hanga xixiqqaatti hojjetamaniin piroojektoonni kuma 5fi 918 xumuramuun tajaajila eegaluusaanii Dr. Alamuun eeranii, piroojektoota kanneenirraas ummanni miliyoona 2fi kumni 200fi kumni 80 ol fayyadamaa ta’uus himaniiru.
Hojii bara kana hojjetame kanaanis uwwisni bishaan dhugaatii baadiyaa naannichaa bara 2009 keessa %60.69 irra ture gara % 63.7 sadarkaa magaalaatti immoo %51.24 irra kan ture gara %62.19 irraan gahuun danda’amuus dubbataniiru.
Walumaagalatti uwwisa bishaan dhugaatii naannoo Oromiyaa bara 2009 %59. 28 irra ture gara %63.5 akka ol guddatu ta’eera jedhan Dr. Alamuun.
Itti dabaluunis ammas rakkoolee bulchiinsa gaariifi komii ummataa hundi hiikameera jechuu miti kan jedhan Dr. Alamuun, Piroojektoonni buleeyyiin 337 kan jiran ta'uu ibsuun, hanqinni dizaayinii, qulqullina dhabuu ijaarsa piroojektootaa, kiraa sassaabdummaa, ammallee furmaata kan barbaadu waan ta’eef, yoomiiyyuu caalaa dhimma bara kana xiyyeeffannoon irratti hojjetamudha jedhaniiru.
Karoora bara 2011 keessatti piroojektii buleeyyii 337 dursa kennuun hudhaaleen isaan qaban addaan baasuun karoorfamee boqonnaa qophii kana keessatti dursee fala furmaataa kaa'uun sirriitti hojiitti kan galamu ta'uu ibsaniiru.
Piroojektoota haaraa 117 hojjechuuf karoorfame keessaa ammoo piroojektoota 100 baadiyyaatti 17 ammoo magaalaatti ijaaruuf qophiirra jiraachuu himaniiru.