Wixineewwan labsii kunneenis labsii hojjetoota mootummaa naannoo Oromiyaa, Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa hundeessuf bahe, Gumii bulchiinsa abbootii seeraa Oromiyaa irra deebidhaan hundeessuuf baheefi gurmaa’ina, aangoofi hojii manneen murtii mootummaa naannoo
Oromiyaa irra deebiin bahanidha. Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa kabajamoo Dr Lammaa Magarsaa wixineewwan labsii hojii haaraa kana qopheessuun
kan barbaachiseefi muudamni geggeeffame komii ummataa hiikuufi bulchiinsi gaariin akkaataa ittiin mirkanaa’uu danda'urratti milkaa'ina caalu galmeessisuufi jedhaniiru. Gurmaa'inni kanaan dura ture komii ummanni qabu furuun hin danda'amne. Kan duraan ture, tajaajila saffisaafi qulqullina qabu ummataaf kennuurratti milkaa'aa akka hin turre eeranii, hojiin haaromsaa jalqabamanis aanga'ootaafi hojjetoota haaromsuurra darbee kan uummatichi itti gammadu ta'uu hin dandeenye. Akkaataa kanaan dura ittiin hojjetamaa ture jijjiiruufi jijjiiramawwan dhufan itti fufsiisuudhaaf wiixineewwan hojii, caasaafi gurmaa'insi haarawaan kun barbaachisaa ta’uus himaniiru. Gurmaa'insi haarawaa kun akkaataa irra caalaadhaan ummata bu'uura godhachuudhaan saba bal'aa bira sadarkaa gandaatti bifa hojjechuun danda'muun raawwatameera. Caaseffamni haarawaa qaamolee raawwachiiftuu kun itti fayyadama humna namaafi bajataa ilaalchisee qaawwota mul'atan duuchuudhaafis ga'ee qaba jedhan Dr. Lammaan. Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Obbo Isheetuu Dassee jijjiiramni qixa hundaan adeemsifamaa jiru mirgaafi faayidaa ummata Oromoo giddugaleessa kan godhate waan taheef, jijjiirama argame kana kunuunfachuun hojii itti aanuuf of qopheessuu qabna. Wixineewwan labsii haaraa raggaa’an kunneenis hojiilee gurguddoo eegalaman fiixa baasuu keessatti gahee guddaa qabu, hojii caalu hojjechuudhaan amanataa ummanni mootummaarratti qabu dabaluudhaaf miseensota caffeefi qaama hoji raawachiiftuurraa gahee olaanaatu eegama jedhan. Wixineewwan labsii qaamolee hojii mootummaa raggaasisuu qofa osoo hin ta’iin hojiirra oolmaasaatiifis hojjechuun gahee miseensota caffichaa akka ta’es Obbo Isheetuun hubachiisaniiru. Wixineen labsii hojjettoota mootummaa naannoo Oromiyaa bara 1994 fooyya'uun ragga'e. Yaa’ii ariifachiisaa 3ffaa, waggaa 4ffaa, bara hojii Caffee 5ffaatin wixineen labsii hojjetoota mootummaa naannoo Oromiyaa bara 1994 fooyya'uun ragga'e. Sirna to’annoofi filannoo manneen hojii mootummaa keessatti gaggeeffamu bu’uuraan jijjiiruun akka naannootti hojimaata mirkaneeffannaa ga’umsa ogummaafi hojii diriirsuun akkasumas paabilik saravaantii ilaalcha tajaajiltummaafi aantummaa ummataa gonfateefi guddina misoomaa naannichi galmeessisaa jiru itti fufsiisuu danda’u ijaaruudhaaf hojimaata hojjetoota mootummaa bifa walfakkaatuun beekumsaafi dandeettii isaaniirratti hundaa’uun oogganuu dandeessisu diriirsuun barbaachisaadha jedhameera.
Gama biraatiin, labsiiwwan hojiirra turan keessatti qaawwa seeraa mul’atu cufuun kiraa sassaabdummaafi rakkoowwan bulchiinsa gaarii Paabilik saravaantii keessatti mul’atu wixineen haaraa qophaa'e kun dhabamsiisuu kan dandeessisudha. Labsiin hojjettoota mootummaa naannoo Oromiyaa lakkoofsi 61/1994, Lak. 79/1996, lakkoofsi 104/1997 fi lakkoofsi 123/1999 labsii kanaan haqamaniiru. Ragaa barnootaa sobaan walqabatee hojiin hojjetamaa ture gaarii ta'uufi hanga ammaatti hojjettoota kuma 15 ta'antu saaxilamee jira kan jedhan oogganaan Biiroo Paabliik Sarviisiifi Misooma Qabeenya Namaa Dr. Biqilaa Hurrisaa, dhimmi ragaa sobaa itti fufinsaan kan raawwatamu ta'uu ibsaniiru. Kana keessatti gaheen miseensota Caffee olaanaa ta'uu ibsan. Misooma qabeenya namaa keenyas karaa tarsima'aa ta’een ga'oomsaafi cimsaa deemuun barbaachisaa ta'uus ibsaniiru. Labsiin hojjettoota mootummaa naannoo Oromiyaa lakkoofsi 61/1994 akka foyya’etti irra deebiidhaan foyyeessuuf bahe marii bal’aan erga irratti taasifameen booda Caaffeen wixinicha raggaasee jira. Labsichis lakkoofsa 215/2011 ta’ee kan hojiirra oolu ta’uun ibsameera. Caffeen Yaa’iisaa kanaan muudama manneen hojii 17 fi muudama abbootii seeraa waliigalaan namoota 104 tahanis raggaasiseera