^Back To Top
  • Waldhabdee Oromoo gidduu jiru hiikuuf sirni gadaa filannoo isa jalqabaa ta’uu qaba

    Sirni Gadaa qabeenya Oromoo ta’uu bira darbee qabeenya addunyaat jedhaan walitti qabaan Gumii Abbootii Gadaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan. Waldhabduu Oromoo gidduu jiru hiikuuf Sirni Gadaa Filannoo jalqabaa ta’uu qaba jedhan. Oromoon qabeenya ittiin beekamu kanaan fayyadamuu qaba jedhan. Oromoon qaama tokko,qaamni tokko immoo walhindhabu,yoo rakkate waliin rakkata,yoo argates waliin argata jedhan. Akka OBN gabaaseetti,Oromoon waliisaa gidduutti walitti bu’iinsi uumamee mitii Orma waliinuu yoo rakkoon uumame akkataa itti furu waan beekuuf, yoo miiyyuu sirna Gadaa hordofuu qaba jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa kun. Walitti bu’iinsi Obboleeyyan lamaan Ittuu fi Karrayyuu gidduutti uumamee guyyaa kaleessaa akkaataa Sirna Gadaatiin bakka Abbootiin Gadaa Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa,qaamooleen nageenya fi aanga’oonni mootummaa argamanitti aanaa Fantaalletti araara argateera. Araarrichi tokko miidhaa tokko miidhamaa ta’ee kan gumaa baasuu fi kan gumaa fudhatu osoo hin taane gama lameeniinuu anis obboleessa koo miidheera jechuun ofitti muranii badii uumameef loowwan gumaa waliif baasanii jiru. Bulchaan godina Shawaa Bahaa Obbo Halaakaa Sinbiroo maanguddoota qabaachuun biyya tokko keessatti nageenya qabaachuudha jedha. Hojii boonsaa hojjetan kanaafiis galateeffatanii, fakkeenyi aanaa Fantaallee kun Oromiyaa guutuu keessatti hojiirra ooluu qaba jedhan. Itti gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Oromiyaa Obbo Jibriil Mahaamad guyyaan kun guyyaa aadaa giddu galeessa godhannee rakkoo keenya itti hiikkanne waan ta’eef guyyaa addaati jedhan. Tumsi uummanni Oromoo iddoo adda addaa jiraatan rakkoo Ittuu fi Karrayyuu hiikuuf taasisanis hojii seena qabeessadha jedhan.

  • Paartichi gaaffii ummata Oromoo bu’uurarraa ni deebisa jedhame

    Paartiin Badhaadhinaa Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaafi Mootummaa akka ta’u sagalee guutudhaan murteesse jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad. Paartiin Badhaadhinaa gaaffii Ummanni Oromoo qabu bu’uura irraa kan deebisu akka ta’e Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad dubbatan. walitti makamuu Paartilee ADWUI tiin, waa’ee Paartii haaraa hunda’e ilaalchisee, Dr.Abiyyi Ahimad fuula feesbuukii isaanii irratti odeeffannoo kennaniiru. Haaluma kanaan gaaffiin Oromoo ammas kan deebi’e akkuma jiru, fuuldurattis paartiin Badhaadhinaa gaaffii Oromoo deebisuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjeta jedhan Dr.Abiyyi. Keessumaayyuu gaaffii diinagdee ummanni Oromoo qabu deebisuuf, Oromoo fi miseensonni, milkaa’ina Paartii Badhaadhinaaf, tumsa gochuu akka qaban Dr.Abiyyi waamicha dhiheessan. Guyyoota sadiif paartiin isaanii mariirra kan ture yoo ta’u, murtoowwan gurguddoos dabarsee jira jedhan. Bu’uuruma kanaan Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaa fi Mootummaa akka ta’u sagalee guutudhaan murteessee jira. Kanamalees paartii keessattis ta’ee, kan mootummaa keessatti hunduu akkaataa baayyina ummata isaatiin akka hirmaachuu qabus murteessera jedhan. Kun immoo dimokiraasii dhugaa hojiirra oolchuuf gahee guddaa qaba jedhan. Kanaaf gaaffii bara dheeraa ummanni Oromoo qabu tartiibaan deebisuuf hojjetaa kan jirru waan ta’eef, ummanni Oromoo Tokkummaa fi Nageenya isaa eeggachuun nu cinaa dhaabbatee injifannoo amma argame akka ceesisnuuf waamichan dhiheessa jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad. Paartiin Badhaadhinaa gama diinagdee qofaan osoo hin taane, kabajaan, bilisummaan akkasumas badhaadhummaa dam-daneessa Itiyoophiyaa keessatti dhugoomsuu akka danda’uuf, humnoonni faffaca’anii jiran walitti sassaabamuudhaan gurmuun dhaabbannee biyya Itiyoophiyaa geggeessuuf murteessuun keenya murtoo guddaa dha." Jedhani..

  • Ayidee Cambalaalaa

    Ergaa Baga Geessanii Pirezidaantii Bulchiinsa MN Kabajamoo Ob. Shimallis Abdiisaa Ayyaana Fichee Cambalaalaa Ilaalchisuun dabarsan Duraan dursee, ummata guddaa aadaafi duudhaa isaa eeggatee jaarrawwaniif turfachuun har’aan ga’ate, ummata Sidaamaatiin baga guyyaa kabaja ayyaana Fichee Cambalaalaa nagaan geessan, baga waliin geenye jechuun barbaada. Ummanni Sidaamaa sirna lakkoofsa baatiifi jijjiirama baraa ofiisaa danda’e qaba. Sirni kun uumama ummatummaa isaa waliin kan dhalateefi mallattoo ibsituu eenyummaa ummatichaa ta’ee kabajamaa har’arra kan ga’ee dha. Sirni guddaan dhaloota kaleessaatiin kalaqamee kunuunfamaa har’a ga’e kun, mallattoo miidhaginaa ummata Sidaamaa qofa osoo hin taane kaadhimamaa Ambaa Kiliyaa idil-addunyaa ta’uufis ga’eera

KALLACHA OROMIYAA


 - kallachaoromiyaa.org - kallachaoromiyaa.org 

LATEST ARTICLE

Godina Wallagga Bahaa aanaa Boonayyaa Bosheefi bulchinsa magaalaa Jimmaatti pirojeektonni garaa garaa ijaarsi isaanii xummuramuun tajaajila hawaasaa kennuu jalqabani. Aanichatti projeektiin Jalliisii ammayyaa lama birrii miliiyona 8 oliin ijaaraman eebbifamuun tajaajila hawaasaa kan kennuu jalqabuu waajjirri qonnaaf qabeenya uumamaa godina

Wallagga Bahaa beeksise. Jallisiin ammayyaa ijaarame kun deeggarsa maallaqa sagantaa guddinna Qonnaa Oromiyaarraa birrii miliyoona 8 fi kuma 700 argameen kan ijaaramee yoo ta’u fi lafa heektaara 52 misoomsuun abbootii warraa 55 waldaa ittifayyadama bishaanii lamaan gurmaa’anii kan jiran ta’u Itti Aanaan Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godina wallagga Bahaa Obbo Kidaanee Yamboo dubataniiru

Omishaaf omiishitummaa qonnaan bulaa guddisuun qaala’iinsa jireenyaa yeroo ammaa  mul’achaa jiru hir’isuu keessatti misoomnii jallisii bakka olaanaa qaba,bu’uuruma kanaan qonnaan bultoonni godina Wallagga Bahaa aanaa Bonayyaa Boshee ganda Caffee Konchii fi Bonayyaa Sokusoo tokko tokko yaada kennaniin kanaan dura jallisii aadaa wayita fayyadamaa  turanitti rakkoo heddu isaan qunnamaa kan turee fi amma garuu ijaaramuu jallisii ammayyaa kanaan rakkinnichi nuuf furamaa jira  edhani. Akka qonnaan bultoonni kunniin jedhaniitti oomishaaf oomiishtummaa isaanii dabaluuf ciminaan kan hojjatanii fi jallisichas kan kununsan ta’uu dubbataniiru. Bifuma walfakkaatuun Magaalaa Jimmaatti pirojektoonni adda addaa hojjatamaa turan xumuramanii tajaajila hawaasaaf kennuu jalqabaniiru. Pirojektoota hojjetamuuf karoorfaman 31 keessaa daandiin kobilii Kiiloomeetirri 3, daandii Ciraachaa, Teeraazoo, Ibsaa daandiirra, Misooma magaariisa, maqsaa balfaa gogaa, bo'oo lolaa, fi bishaan dhugaatii qulqulluu kanneen hojjetamanii xumuramaniidha. Piroojektoonni hin xumuramiin hafan kan akka manneen barnootaa, Waajjiraaleen adda addaa, Masaraa Abbaa Jifaarifi Muuziyeemiin magaalaa Jimmaa yeroon xiyyeeffannoon itti kennamee xumuramuu akka qabaatanis Af-yaa'iin mana maree magaalaa Jimmaa obbo Salamoon Qannoo dubbataniiru.