(Kallacha Oromiyaa Sad. 15, 2012)Waltajjiin kun naannoo bahaa biyyitti,keessattu daangaalee naannolee ollaatti nagaafi tasgabii waaraa daran mirkaneessuurratti kan xiyyeeffate qaamolii nageenyaa naannolee kunneenii kan hirmaachiseedha. Waltajjii kanarratti Hogganaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Dr. Qana’aa Yaadataa akka jedhanitti, ka’umsi waltajjii kanaa naannoon baha
Itoophiyaa xiyyeeffannoo addaa waan barbaaduuf. Sababnisaas Sosochiin dinagdee investimantii bal’inaan kan keessa jiru waan ta’eef, Kontirobaandiin seeraan alaa ba’inaan kan keessatti mul’atuu, Humni mankaraarsaa walitti bu’insa amantaa fakkeessuu naannoo kana bu’uura godhatee biyya kana nagaafi tasgabbii dhorkuu barbaada waan ta’eef , Daangaarratti uummata naannoolee daangaa walitti buusuuf yaaliin taasifamu jiraachuu yeroo adda addaa waan hubatamee fi walitti bu’insa saba gidduu galeessa godhataanii ajandaasaanii galmaan ga’uuf qaamoleen sosocho’an waan jiraniif waltajjiin marii naannoo ollaa bahaa Itoophiyaa kun barbaachisaa ta’ee argameera. Waltajjiin kun marsaa 5ffaaf mariyatamaa kan jiru, yoo ta’u waltajjii arfan kanaan dura naannoolee ollaa baha Itoophiyaatti taasifameen fooyya’insi nageenyaafi tasgabbii mul’ateera, kaayyoon humnoota naannoo kana nagaafi tasgabbii dhorkuu barbaaduu hir’atee jiraachuu barreeffamni gabaasa bu’aalee mariifi walta’insa naannolee ollaa armaan dura argame maricharratti dhiyaateera. Kanaanis olaantummaa seeraa eegsisuufi meeshaalee kontirobaandii naanna’uu to’achuufi rakkoolee darbanii darbanii mul’atan qindoominaan hiikaa deemuun jiraachuu ka’eera.
Kana malees hanqinaaleefi ciminaalee jiran adda baasuun galtee hojii nageenyaa gara fuula duraaf kan gargaaru ta’uu ibsameera. Waltajjiiwwan akkanaa bifa walfakkaatuun itti fufuu akka qabaatus hirmaattootni waltajjichaa addeessaniiru.