Waxabajjii 14, 2012 - Aanaalee Godina Shawaa Kaabaa/Salaalee keessatti Piroojektoonni misoomaa adda addaa - hojjetamaa turan hara'a bakka jilli Sad. itti Aanaa MNOtti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa argamanitti ebbifamaniiru. Haaluma kanaan Aanaa Qbibiititti Hospitaalli Shanoo bara 2007 qar. Mil. 64n Ijaaramaa ture eebbifameera. Hospitaalli Kun namoota kuma 232 oliif tajasjila Kenna jedhameera.
Aanaa jiddaatti Piroojeektii jallisii laga qalaaddi irratti hojjetamaa ture Pirojektiin Jallisii kuni Adeemsa Meekaanayiizeeshinii Egalame Milkeessuf kan fayyadu ta'utu ibsame.,
Pirojektichi Lafa Hek.57 kan misoomsu yoo ta'uu , qlbaasii qar. Mil. 6.9n xumurame.Qonnaan bultoota 179f tajasjila Kenna jedhame. Aanaa Waacaalettis Hospitaalli Muka Xirrii qar. Mil. 32 ijaarame har'a eebbifame. Aanaa Kuyyuuti Pirojeektonni misoomaa adda addaa 16 Birrii Miiliyoona 44.65 caalun hojjetamaa turanis jila kanaan eebbifaniiru. Aanichatti Piroojektoota hojjetaman keessaa Hamoo Waajjira Bulchiinsa Aanichaa abbaa G+3, Magaalaa Garba Gurraacjatti ammoo Buufanni Gabaa beeladootaa Ammaayyaa fi Daandiin keessa keessaa koobilstooniifi cirrachaa qar. Mil. 27n xumuramanii tajaajilaaf qophaa'aniiru. Aanaa Dagittis Gamoo Waajjira Bulchiinsa Aanichaa , hoddi gala dargsggootaa dabalatee Piroojektoonni Adda Adda addaa 13 qar. 22n hojjetamaa turan eebbifamaniiru. Magaalaa Fichettid Piroojektoonni bu'uuraalee misoomaa garaagaraa eebbifamaniiru. Piroojektoota kanneen kan eebbisan Obbo Addisuu Araggaa ergaa Sirna kanarratti dabarsaniin Oromoon akka ssbaatti qabsoo but bilisummaafi gaaffii mirkaneeffannaa Abbaa boyyummaatiif geggeessaa tureen wareegama qaaliin laffaluun injifannoo goonfayeera. Injifannoon booda fedhii fayyadamummaa misoomaa haqa qsbeessa ta'eirkaneeffachuuf bu'uuraalee misoomaa rakkoo hawaas-dinagdeesaa firan jpjechuurratti argama. Sadarkaan Amma irra geenye Kun imaanaa Wareegamtoota keenyaa galmasn geenyudha jedhan Obbo Addisuun. Humnoonni tokko tokko garuu bakkuma kaleessaa keessaa turree madaa keenya hooqqachaa akka turru fedhu jedhan. Torban Kun torbee Eebba piroojekootaa eegalle xumurree tajasjila ummataaf darbaa jirudha jedhan.
Muuxannoo bara kanaarraa barschuun bara itti aanus cimnee itti fufna jedhanii mootummaan waa hunda hojechuuf humna bakka him qabnetti hirmaannaan ummataafi Abbootiin Qabeenyaa cimee akka itti fufu Obbo Addisuun kan dhaaman. Gama biraatinis hojiin Kenna tajasjila lammummaa, Ashaaraa Magariisaa eegalame cimee akka itti fufuufi weerara Vaayirasii Koronnaarraa of dagannaa tokko malee of ittisaa hojii misoomaa keenya finiinsuu qabna jedhaniiru.Dumarratti waan jalqabe xumuraa Imala gara badhaadhinaatti taasisu cimsee itti fufa jedhaniiru obbo Addisuun.