Sirna eebbaa kanaratti Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad fi Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Injinara Taakkalaa Uumaa fi qondaaltonni gara biroos argamniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa wantoota Alaa galan biyya keessatti oomishuun baasii sharafa alaa hanbisuuf hojjechaa jira jedhame.
Batii 10 keessaatti Warshaa ijaaranii xumuruun kan hin baramne ta’us, adeemsa gara badhaadhinaatti taasifnu milkeessuu danda’uu keenya kan itti mirkaneeffannu jedhan Ministiirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Kubbaaniyaan Midirook dadhabbii isaa yeroo darbe irraa barachuun hojii ijaarsa Warshaa kana yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tajaajilaaf qopheessuu isaaf nan galateeffadhas jedhan.
Gara fuula duraattis muuxannoon ijaarsa pirojektii Warshaa Daabboo Shaggar kun pirojektoota biroo irrattis babal’achuu qabas jedhan Dr Abiyyi. Warshaan Daabboo Shaggar kun oomisha daabboo qofaan kan madaalamu osoo hin taane,barattoonni boru biyya dhaalan sababii kanaan barumsa akka hin dhaabneef deeggarsa ta’a jedhan. Yeroo dhiyootti uummata magaalaa Finfinneetiif gama geejjibaatiin oduu gammachiisaa bulchiinsi magaalicha akka himu abdiin qabas jedhan. Hojii hojjennee agarsiisuu malee wacaa ooluu hin qabnu kan jedhan Dr. Abiyyi hawaasniifi mootummaan harka walqabatee biyya hiyyummaan nuffisiise kana gara badhaadhinaatti ceesisuu akka qabanis dhaamaniiru. Warshaan Daabboo Shaggar dhaabbata Hooraayzan Plaanteeshin; Miidrook Ityoophiyaa Teeknooloojii Giruuppin kan ijaarrameedha.
Warshaan kun kutaa bulchiinsa Aqaaqii Qaallittiitti lafa kaaree meetira 4 irratti kan ijaarrame yoo tahu, lammiilee 450f carraan hojii uumameera.OBN