Tokkummaan biyyaa cimee akka itti fufuuf sirni federaalizimii akkaataa barbaadamuun hojiitti hiikamuu akka qabu Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magaarsaa himan. Pirezidaanti Lammaan kana kan himan kabaja ayyaana injifannoo Caamsaa 20 waggaa 27ffaa sadarkaa naannootti Magaalaa Adaamaatti tibbana kabajamerratti hirmaattota wayita mari’achiisanitti.
Ayyaana kanarratti waraqaan qorannoo faayidaa sirni federaalizimii ummata Oromoofi ummatoota biyyattiif qabu ibsu oogganaa Biiroo Konistiraakshiinii Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin dhihaatee irratti mari’atameera.
Hirmaattonni ayyaanichaas gaaffileen dhimmoota bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, hojiiwwan misoomaa jalqabaman itti fufsiisuu akkasumas federaalizimiin akkaataa barbaadamuun hojiitti hiikamuu dhabuun rakkoolee uumaman ilaallatan ka’aniiru. Waltajjicharratti argamuun hirmaattota kan mari’achiisan Pirezidaanti Lammaan ayyaanni kun yeroo kabajamu guyyicha yaadachuu qofaan osoo hin taane gaaffilee bulchiinsa gaariifi misoomaa deebisuu akkasumas dargaggootaaf carraa hojii uumuuf carraaqqiin taasifamaa jiru cimee akka itti fufu gochuun ta’uu qaba jedhaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggaa lama keessatti lammiilee kuma 40 oliif dhiifama taasisuun murtii guddaadha, namoonni kunneen hiikamuusaanii qofas osoo hin taane isaan duuba maatii miliyoonotatu jira jedhan. Kun kan ta’uufis, jaallatamuuf osoo hin taane aadaan siyaasaa naannoofi biyya kanaa akka jijjiiramuuf ta’uus Pr.Lammaan dubbataniiru.
Sirni federaalizimii saboonni, sablammoonniifi ummatoonni biyyattii ittiin wal danda’anii garaagarummaa keessatti tokkummaan kan waliin jiraatanidha, guddina dinagdee naannoofi biyyaatiifis murteessaadha jedhaniiru. Kanaaf, biyya kana tokkummaan itti fufsiisuuf hojiitti hiikamuu akka qabu himaniiru. Mootummaan naannoos ta’e federaalaa federaalizimii akkaataa barbaadamuun hojii qabatamaatti hiikuuf qabsoo eegaleera, qabsoo kana fiixaan baasuufi dinagdeen cimsuurratti hojjetamuu qaba jedhan. Milkaa’inasaafis hunduu waldhaga’ee tumsuufi hojjechuu akka qabu Pr. Lammaan dhaamaniiru