^Back To Top
  • Waldhabdee Oromoo gidduu jiru hiikuuf sirni gadaa filannoo isa jalqabaa ta’uu qaba

    Sirni Gadaa qabeenya Oromoo ta’uu bira darbee qabeenya addunyaat jedhaan walitti qabaan Gumii Abbootii Gadaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan. Waldhabduu Oromoo gidduu jiru hiikuuf Sirni Gadaa Filannoo jalqabaa ta’uu qaba jedhan. Oromoon qabeenya ittiin beekamu kanaan fayyadamuu qaba jedhan. Oromoon qaama tokko,qaamni tokko immoo walhindhabu,yoo rakkate waliin rakkata,yoo argates waliin argata jedhan. Akka OBN gabaaseetti,Oromoon waliisaa gidduutti walitti bu’iinsi uumamee mitii Orma waliinuu yoo rakkoon uumame akkataa itti furu waan beekuuf, yoo miiyyuu sirna Gadaa hordofuu qaba jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa kun. Walitti bu’iinsi Obboleeyyan lamaan Ittuu fi Karrayyuu gidduutti uumamee guyyaa kaleessaa akkaataa Sirna Gadaatiin bakka Abbootiin Gadaa Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa,qaamooleen nageenya fi aanga’oonni mootummaa argamanitti aanaa Fantaalletti araara argateera. Araarrichi tokko miidhaa tokko miidhamaa ta’ee kan gumaa baasuu fi kan gumaa fudhatu osoo hin taane gama lameeniinuu anis obboleessa koo miidheera jechuun ofitti muranii badii uumameef loowwan gumaa waliif baasanii jiru. Bulchaan godina Shawaa Bahaa Obbo Halaakaa Sinbiroo maanguddoota qabaachuun biyya tokko keessatti nageenya qabaachuudha jedha. Hojii boonsaa hojjetan kanaafiis galateeffatanii, fakkeenyi aanaa Fantaallee kun Oromiyaa guutuu keessatti hojiirra ooluu qaba jedhan. Itti gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Oromiyaa Obbo Jibriil Mahaamad guyyaan kun guyyaa aadaa giddu galeessa godhannee rakkoo keenya itti hiikkanne waan ta’eef guyyaa addaati jedhan. Tumsi uummanni Oromoo iddoo adda addaa jiraatan rakkoo Ittuu fi Karrayyuu hiikuuf taasisanis hojii seena qabeessadha jedhan.

  • Paartichi gaaffii ummata Oromoo bu’uurarraa ni deebisa jedhame

    Paartiin Badhaadhinaa Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaafi Mootummaa akka ta’u sagalee guutudhaan murteesse jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad. Paartiin Badhaadhinaa gaaffii Ummanni Oromoo qabu bu’uura irraa kan deebisu akka ta’e Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad dubbatan. walitti makamuu Paartilee ADWUI tiin, waa’ee Paartii haaraa hunda’e ilaalchisee, Dr.Abiyyi Ahimad fuula feesbuukii isaanii irratti odeeffannoo kennaniiru. Haaluma kanaan gaaffiin Oromoo ammas kan deebi’e akkuma jiru, fuuldurattis paartiin Badhaadhinaa gaaffii Oromoo deebisuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjeta jedhan Dr.Abiyyi. Keessumaayyuu gaaffii diinagdee ummanni Oromoo qabu deebisuuf, Oromoo fi miseensonni, milkaa’ina Paartii Badhaadhinaaf, tumsa gochuu akka qaban Dr.Abiyyi waamicha dhiheessan. Guyyoota sadiif paartiin isaanii mariirra kan ture yoo ta’u, murtoowwan gurguddoos dabarsee jira jedhan. Bu’uuruma kanaan Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaa fi Mootummaa akka ta’u sagalee guutudhaan murteessee jira. Kanamalees paartii keessattis ta’ee, kan mootummaa keessatti hunduu akkaataa baayyina ummata isaatiin akka hirmaachuu qabus murteessera jedhan. Kun immoo dimokiraasii dhugaa hojiirra oolchuuf gahee guddaa qaba jedhan. Kanaaf gaaffii bara dheeraa ummanni Oromoo qabu tartiibaan deebisuuf hojjetaa kan jirru waan ta’eef, ummanni Oromoo Tokkummaa fi Nageenya isaa eeggachuun nu cinaa dhaabbatee injifannoo amma argame akka ceesisnuuf waamichan dhiheessa jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad. Paartiin Badhaadhinaa gama diinagdee qofaan osoo hin taane, kabajaan, bilisummaan akkasumas badhaadhummaa dam-daneessa Itiyoophiyaa keessatti dhugoomsuu akka danda’uuf, humnoonni faffaca’anii jiran walitti sassaabamuudhaan gurmuun dhaabbannee biyya Itiyoophiyaa geggeessuuf murteessuun keenya murtoo guddaa dha." Jedhani..

  • Ayidee Cambalaalaa

    Ergaa Baga Geessanii Pirezidaantii Bulchiinsa MN Kabajamoo Ob. Shimallis Abdiisaa Ayyaana Fichee Cambalaalaa Ilaalchisuun dabarsan Duraan dursee, ummata guddaa aadaafi duudhaa isaa eeggatee jaarrawwaniif turfachuun har’aan ga’ate, ummata Sidaamaatiin baga guyyaa kabaja ayyaana Fichee Cambalaalaa nagaan geessan, baga waliin geenye jechuun barbaada. Ummanni Sidaamaa sirna lakkoofsa baatiifi jijjiirama baraa ofiisaa danda’e qaba. Sirni kun uumama ummatummaa isaa waliin kan dhalateefi mallattoo ibsituu eenyummaa ummatichaa ta’ee kabajamaa har’arra kan ga’ee dha. Sirni guddaan dhaloota kaleessaatiin kalaqamee kunuunfamaa har’a ga’e kun, mallattoo miidhaginaa ummata Sidaamaa qofa osoo hin taane kaadhimamaa Ambaa Kiliyaa idil-addunyaa ta’uufis ga’eera

KALLACHA OROMIYAA


 - kallachaoromiyaa.org - kallachaoromiyaa.org 

LATEST ARTICLE

Raammoon Geerii Ameerikaa jedhamu Godinaalee Oromiyaa 12 keessatti  kan mul’ate ta’uu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Oromiyaa beeksise. Raammoon kun  oomisha Boqqolloo lafa hektaara kuma 200 olirratti misoomee  jirurratti akka mul’ates Biirichi beeksiseera

Itti Aanaa oogganaafi Daarektarri Daarektoreetii Dhimmoota Kominikeeshiinii Mootummaa Biirichaa Obbo Hamzaa Mahaammad ibsa Gaazexessitootaaf kennaniin raammoon Geerii Ameerikaa jedhamu dhiheenya kana Godinaalee Oromiyaa 12, Aanaalee 85 fi gandoolee 779 keessatti mul’ateera jedhaniiru.

 

Oomisha Baqqolloo lafa hektaara kuma 204tti siqurratti kan mul’ate yoo ta’u, hojii ittisuu hanga ammaatti qonnaan bultoonniifi ogeessonni qonnaa godhaniin oomishini lafa hektaara kuma 12 fi 500 irratti misoomee jiru to’atameera. Kana keessaa lafa hektaara 6327 irraa keemikaalaan, hektaara 5300 irraa  ammoo mala aadaatiin akka to’atame Obbo Hamzaan ibsaniiru.

Weerara kana to’achuuf qonnaan bultoonni muuxannoo bara darbe fayyadamuun raammicha to’atan mala aadaa gargaaramuun ofirraa ittisuu qabu edhaniiru. Raammoon kun midhaan gosa hundaa kan miidhu waan ta’eef qonnaan bultoonniifi ogeessonni to’annaafi hordoffii wlirraa hin cinne gochuun ittisuu akka qabanis himaniiru.

Bara darbe raammoon kun oomisha lafa hektaara kuma 300 olirratti margee jiru kan weerare yoo ta’u, qonnaan bultoonni mala aadaa gargaaramuun oomisha harka 56 baraaruu danda’aniiru. Kan hafe ammoo keemikaala fayyadamuun to’achuun akka danda’ame Obbo Hamzaan himanii, baranas muuxannoo sana  fayyadaumuun to’achuu akka qaban dhaamaniiru.

Weerara raammoo Geerii kana to’achuuf koreen hordoffiifi deggersaa olii hanga gadiitti hundaa’uus ibsaniiru.