Dhaabbanni Miidiyaa Oromoo Miidiyaa Neetiwoorki (OMN) jedhamu teessoosaa Amerikaa godhachuun waggaa afur dura hojii jalqabe Waxabajjii 19 bara 2010 Finfinneetti dameesaa banachuun hojiisaa eegale. Ilmaan Oromoo jijjiirama barbaadaniifi ummatasaaniif quuqamaniin kan hundeeffame OMN waamicha muummichi ministiraa Dr. Abiyyi Ahimed taasisaniin dameesaa Finfinneetti banachuun ifatti hojii eegaleera. Sirna baninsaa OMN damee Finfinnee kanarratti keessummaa kabajaa ta’uun haasaa kan godhan Oogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshiinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dr. Nagarii Leencoo miidiyaan Oromoo kamuu harka wal qabachuun faayidaafi tokkummaa Oromootiif hojjechuu qabu jedhaniiru. Itoophiyaa ijaaruu keessatti qabsoo ummatoonni biyyattii godhaa turan keessatti gaheen Oromoo olaanaa akka ta’es eeranii, dararaafi miidhaa akkasumas qabsoo hadhaawaa Oromoon biyyattiif taaise miidiyaan gabaasu garuu hin turre. Dhugaafi naamusa ogummaa gaazexessummaa bu'uura godhachuun ummata Oromoofi akka waliigalaattis ummata Itoophiyaa mara haqaan tajaajiluu qabus jedhaniiru. Dhimma faayidaa, walabummaafi kabajaa Oromoofi Oromiyaarratti harka walqabachuun OBN, OMN, OBS hundinuu hojjechuu qabu, hundisaaniiyyuu kan keenya, kan ummata Oromooti, humna qabsoo keenyaa waan ta’aniif jajjabeeffamuu qabanis jedhan Dr. Nagariin.
Daarekatarri Olaanaa OMN damee Finfinnee Obbo Toleeraa Fiqiruu gamasaaniitiin OMN jaalala ummata biyya hambaa ta’uun horate biyya keessattis ummatasaa waliin ta’uun cimsee kan itti fufu ta’a jedhaniiru.Hundeessitoota OMN keessaa tokko kan ta’an Obbo Eeliyaas Ibsaa OMN ummata sagalee dhabeef sagalee ta’uun kaayyoo qilleensa Oromiyaa bilisomsuu jedhu qabatee ka’e dhugoomfachuun har’a haala mijaawaa uumameen Oromiyaatti argamneerra, hojii keenyas cimsinee kan itti fufnu ta’a jedhan.